Aangoo fi Gahee Hojii BGO
- Galiiwwan seeraan yookiin Mootummaa Federaalaa irraa bakka bu’iinsaan Mootummaa Naannichaatiif kennaman ni murteessa, walitti ni qaba, akkaataa walitti qabiinsa isaas ni hooggana;
- Seerota gibiraa fi taaksii fooyyessuuf qorannoowwan adda addaa gaggeessuudhaan yaada murtii mootummaaf ni dhiyeessa, yeroo hayyamamu hojii irra ni oolcha;
- Seerota gibiraa fi taaksii darbuudhaan yakka raawwataman ni qorata, ni himata, ni falma, kana raawwachuuf Abbootii Alangaa fi qorataa yakkaa mataa isaa ni gurmeessa, raawwii isaaniis ni hordofa.
- Mootummaa Naannicha keessatti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii hammayyaa’aa ni diriirsa, tajaajilamtootaaf tajaajila haqa qabeessa, qulqulluu fi si’aayaa ni kenna..........
Raawwii Hojii Bara 2016 fi Karoora Bara 2017
Bara baajata 2016 tti galii idilee qarshii bil. 87,637,583,065 fi galii mana qopheessaa 22,209,338,517 akkasumas Galii keessaa irraa Birri bil. 13,196,193,028 Waligalaan Bir Bil 123,043,114,612 walitti qabuun kan danda`amee jira.
Bara 2017 tti
Bara baajataa 2017 tti Biiroon Galiiwwan Oromiyaa humna dinagdee naannoon keenya maddisiisuu danda’u irratti hundaa’uun Karoora Xiiqii Sassaabbii Galii
- Galii idilee Qr. 142,660,000,000
- Galii Mana qopheessaa Qr. 42,750,455,398 fi
- Galii keessaa Qr. 20,088,725,914
- Waliigala Birrii 205,499,181,312 sassaabuuf karoorfamee raawwatamaa jira.
Galii dinagdee naannichi maddisiisuu danda'u sassaabuuf hojjetamaa jira.

Naannoo Oromiyaatti bara bajataa 2017 keessatti maddoota galii garaagaraarraa galii qarshii Bil.205fi kuma 400 ol walitti qabuuf karoorfamee Bil. 200fi miliyoonni 150 (97.4%)ol walitti qabamuu Hogganaan Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Obbo Tasfaayee Tullu ibsan.
Hoggantoota Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Obbo Tasfaayee Tulluu
Hogganaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

I/A Hogganaa Biiroo fi I/G Damee Ammayyeessuu fi Koorpooreetii

Obbo Ramadaan Waariyoo
I/A/Hogganaa fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa

Obbo Lammeessaa Ayyalaa
I/A/Hoggaaa fi I/G Damee Misooma fi Bulchiinsa Taaksii
'Taaksii Telebirr’n haa kaffallu!

Tajaajilli Telebirr Ethio Telecom - Taaksii/ herrega ji'aa kaffaluu, kaffaltii oomishaa fi tajaajilaa, kkf mobaayila keessan fayyadamuun raawwachuu kan dandeesisu sirna kaffaltii moobaayilaa ammayyaati. Kunis iddooma jirtanii maallaqa qabatanii deemuu fi qaamaan dhiyaachuun osoo hin barbaachisin bilbila harka keessanii fayyadamuun mala taaksii kaffaluu isin dandeesisuu dha.